Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Daawwannaaf Gara Washington Dhufan


Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Daawwannaaf Gara Washington Dhufan
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Daawwannaaf Gara Washington Dhufan

Raashiyaan guyyaa injifanno waggoota 82 dura Nazi Jarmanii itti injifatte kabajaa jirtu kanatti, ministerri dhimma alaa Lavrov gita isaanii kan US Rex Tillerson waliin kallattiin wal arganii mari’achuuf jecha gara Washington-tti qajeelanii jiran. Namoonni lameen baatii darbe Moscow keessatti kan wal argan ennaa ta’u hayyoonni akka jedhanitti dhimmi isaan irratti fuuleffachuun amri’achuuf jiran dhimma Siiriyaa ta’uu mala.

Dhimma Siiriyaa irratti lamaan keenya waan wal fakkaatu akka barbaannu eeksisne. Innis wal waraansa dhaabuu fi mootummaa haaraa uummata Siiriyaa biratti fudhatama qabu uumuu dha. Garuu ennaa gad teenyee gad fageenyaan dhimma isaa ilaalu waa tokko irratti iyyuu waan walii galuu hin dandeenye fakkaata kan jedhan gumii Atlaantik irraa Ambasadderr Alexaander vershbow turan.

Ambasaddor Vershbow akka jedhanitti dhimmi inni ijoon hegereen Siiriyaa Prezidaant Bashar al-Assad kan US fi biyyoonni ka biroo hedduun aangoo irraa bu’uu qabu jedhaniif deggersa Raashiyaa qaban ofitti haammata moo ka jedhu jedhan.

Raashiyaa, Iran fi Turkey godinaa nageenyaa siviloota Siiriyaaf akka tolfamu Astana, Kazakhstan keessatti torban darbe walii galtee mallatteessanii jiran. Tilerson godinaan nageenyaa kun attaimiin akka hojjetu daran baruu barbaadu. Vershbow akka jedhanitti mariin irra deddeebi’uun Tillerson fi Lavrov gidduutti geggeessamu barbaachisaa dha.

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Daawwannaaf Gara Washington Dhufan
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:50 0:00

XS
SM
MD
LG