Itti aantuun barreesituu dureen Tokkummaa Mootummootaa Aminaa Mohammad daawwannaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeessan har’a xumaranii ituu gara Niiw Yorkti hin imaliin dura tuuta oduuf dirree xaayyaaraa Bleetti ibsa kennaii jiru.
Daawwannaa isaanii Kanaan naannoo wal waraansaan miidhaman kan Tigraay Amaaraa fi Afaar kan dawwatan yoo ta’u bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa naannoo caamaan miidhaman ilaalanii jiran.
Maqalee keessatti wal waraansii attamitti dubartootaa fi ijoollee akka miidhe kan ilaalan yoo ta’u hospiitaala Haydar daawwatanii jiru.Seenaan dubartoota miidhamanii dubbatamuu qaba, walitti bu’insiis injifatee hin beeku jedhan.
Prezidaantii bulchiinsa nannoo Tigraay Dr.Dabratsiyoon Gebra Mikaa’eel waliin furmaannii karaa nagaa akka barbaadamu kunis lammiwwan Itiyoophiyaa maraaf carraa inni argamsisuu irratti dubbatan.
Kana malees prezidaantii bulchiinsa naanno somaalee fi kaabinee isaanii waliin wal arganii jiru.Horsisee bulaa , namoota qe’e ofii irraa godaanan, hogganoota hawaasaa dubbachuun karaa gargaarsa dhala namaa fi misoomaan deggersi Tokkummaa Mootummootaa akka itti fufuu ibsan.
Hawaasnii jiru kanneen godaana simachuu fi deggeruu isaaf kan diinqiisifatan yoo ta’u mootummaan naannoo barnoota fayyaa bishaan fi caasaalee jajjabeesuuf yaalii taasisuu galateeffataniijiru.
Itti aantuun barreesituu dureen Tokkummaa Mootummootaa Aminaa Mohammad har’a bulchiinsa nannoo Afaar ennaa dawwatanitti prezidaantii Itiyoophiyaa Saahle Woorq Zawdee waliin turan.
Humnootiin ABUT haleellaa dhiyeenya kana Afaar keessatti gaggeesaniin namoonni kuma 300 yeroo godaanaii jiranti dawwannaa kun gamasitti gaggeeffame jechuun dubbii himaan mootummaa bulchiinsa naannoo Afaar Ahmad Qeleta RSAf ibsanii jiru.
Walitti bu’iinsa dhiyeenya kana ta’een namoota miidhaman hospitaala Duftii keessatti daawwachuu isaanii kan ibsan dubbi himaan kun badii haleellaan ABUT geesisee ijaan arganiiru jedhan.
Aminaa mohammad barreessaa duree tokkummaa mootummootaa bakka bu’uun walgahii hogganoota Afrikaa isa 35ffaa irratti eega hirmaatanii booda bulchiinsa naannoo hanga tokko keessatti dawwannaa gaggeessan.