Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Ba’ii Filannoo Murteessan Har’a Ennaa Wal Ga’anitti Tramp Ba’ii Filannoo Mormuu Itti Fufan 


Prezidaant Doonaald Tramp filannoo baatii darbe geggeessame angawoonni sagalee filannoo dhumaa calalan wal ga’anii dimokraaticha Joo Baayiden prezidaantii Ameerikaa 46ffaa ta’uu isaanii sirnaanutuu hin beeksisin guyya tokko dura dilbata kaleessaa deebisanii filatamu isaanii labsuu itti fufan.

Tramp dhaabbata oduu FOXf kaleessa ibsa kennaniin manneen murtii hedduun filannoon wal dha’e kan isaan jedhan fudhatama dhabsiisanuu lakkii, hin xumuramne jedhan.

Gara fuula duraatti deemuu keenya itti fufuna, dhimmootii biyya keessaa hedduu qabna, kutaalee hanga tokko keessatti sagalee filannoo nu duraa haameera jedhan. Hundumaa nutu injifate, pennsylvaaniyaa, Michigan, Joorjaa nutu injifate jedhan Tramp.

Angawoonni filannoo murteessaniiru, garuu wixata har’aa magaalaalee guddoo kutaalee iyyaatti kan wal ga’an angawoonni sagalee filannoo calalan waggoota 36f senetera Yunaayitid Isteetis akkasumas ennaa bulchiinsa prezidaantii duraanii kan Baaraak Obaamaa waggoota saddeetiif itti aanaa prezidaantii ta’uu kan tajaajilan Joo Baayideniin prezidaantii akka ta’an raggaasisu jedhamee eegama.

Tramp sambata darbe deggertoota isaanii Washington keessatti wal ga’an kanneen kumaan laka’amaniif aangoo irra akka isaan turan dhaadachaa turan gammachuun simatanii jiran.

Hiriirri mormii wal fakkaatu kutaalee biyyattii adda addaa bakka gareen seeraa kan Tramp injifannoo Baayiden falmanii itti milkaa’uu dhaban keessattis geggeessamee jira.

Washington DC keessatti sambata darbe deggertootaa fi mormitoota Tramp gidduutti walitti bu’iinsi hangi tokko ka’anii turan. Poolisiin Washington akka beeksisetti namoonni 4 cuubeen kan waraanamanii hospitaalatti kan geessaman yoo ta’u 23 kanneen ta’an to’annaa jala oolaniiru.

XS
SM
MD
LG