Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwalchaa Artistii Beekamaa Feqaaduu Teklemaariyaam Harra Raawwatame


Artist Feqaaduu Tekile Maariyaam baatilee hedduu dhaaf dhibee kaleen dhukkubsatee wal’aansa fayyaa fudhataa fi xabalaan deggeramaa erga turee booda guyyaa kaleessaa dhalatee waggaa 62tti addunyaa kana irraa du’aan boqote.

Wal’aansi baqaqsanii hodhuu sadarkaa ol aanaa akka isa barbaachisu erga himamee booda wal’aansa fayyaa hatattamaa akka argatuu gochuuf maallaqa barbaachisu akkasumas kalee ofii kennuuf namoota hedduu biraa deggersa argachuun isaa gabaasameera.

Waltajjii irratti kan inni agarsiise tyaatira hedduu, diraamaa TV akkasumas Ciniimaa irratti taatoo ta’uu dhaan dandeettii qabuun hedduu biratti ajaa’iffannaa fi jaalala hedduu horatee jira Feqaaduun.

Feqaaduun tiyaatira inni agarsiise keessaa Oteelloo, Tewdroos, Mqabir qoffaeriiw, Abugida Qeyisoo fi kanneen biroo hedduu turan.

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1967 oguma taatoon hojii isaa Jalqabe Feqaaduu T/Maariyaam.

Artist Feqaaduun firoottanii fi kanneen isa ajaa’iffatan biraa maallaqa walitti qabameef keessaa qarshii kuma 200 shamarree akkuma isaa kaleen isee dhukkubsatuuf gumaachuun isaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG