Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daawwannaa Ameerikaa Kan Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed fi Dr. Lammaa Magarsaa


Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahemed Dawwannaa as US keessatti geggeessaniin kaleessa jechuun Adoolessa 30 bara 2008 kutaa MN magaalaa Minniapolis keessatti uummataaf haasaa dhageessisaniiru.

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmed galma magaalaa Minneapolis galma “Target Center” jedhamutti waltajjiitti ennaa ol ba’an alaabaalee adda addaa, uummattoota biyyattii, Oromoo, Amaara Somaalee Hararii fi kanneen biroo akkasitti arguun akkam nama gammachiisa jechuun ajaa’ifannaa isaanii ibsaniiru.

Galma sana keessatti heddumminaan kan argaman lammiiwwan Oromoo alaabaa eenyummaa isaanii mul’isu qabachuu dhaan lammiiwwan ka biroonis alaabaalee Itiyoophiyaa qabatanii gammachuun simannaa godhaniiruuf.

Abboonni amantii qophii Sanaa irratti kadhannaa fi eebbaan jalqabaniiru. Hawisoon dargaggootaa illee sirboota aadaa biyyattii garaagaraa dhiyeessuu dhaan uummata galma sana keessatti argame buhaarsaniiru. Prezidaan Lammaa Magarsaa illee agarsiisa ijoollee kanaa ajaa’iffatanii akkam yoo biyya isaanii irraa fagaatan illee qalbiin isaanii biyyuma ofii jira ittiin jedhan.

Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa magarsaa illee haasaa hawaasa MNf dhageessisaniin hundi keenya guyyaa kana akka arginuuf wareegama isin, nuti kaffalaa turre bu’aa inni argamsiise waan ta’eef gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama jedhan.

Daawwannaa Ameerikaa Kan Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed fi Dr. Lammaa Magarsaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:09 0:00

XS
SM
MD
LG