Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetonni Itiyoophiyaa Magaalota Awurooppatti Milkaa’aniiru


Tigist Maamuyee, Maaraatoonii Paaris, Onkoloolessa 17, 2021
Tigist Maamuyee, Maaraatoonii Paaris, Onkoloolessa 17, 2021

Sambata dheenggadaa fi dilbata kaleessaa magalota Awuroopaa sadii keessattii fiigicha maaratoonii fi maaratoonii walakkaatiin taasifameen dhiiraa fi durbaan lammiileen Itiyoophiyaa Moo’ichaan milka’aniiru.

Akkuma kanaan, Onkololessa 16 Biyya Nizerland magaalaa Amsterdaamitti fiigichaa taasifameen Atleet Tamaraat Tola 2:03:39 xumuruudhaan tokkoffaa baheera.

Sa’aatiin Taamiraati figichaa isaa xumure seenaa dorgommii Amsterdaamiif isaa ariitii lammafaa akka ta’e gabaasameera. Figicha maraatoonii Saa’atii ariitii yeroo amma qabanii jiran keessaa inni Taamirat dheengada galmeessee isa tookko ta’uunsaas beekameera. Yeroo ammaa darggageessaa waggaa 30 kan ta’e Taamiraat Tola maratoonii lonadon issa bara 2017 lammafaa yemmuu bahu Olompikii Riyoo irraati meetirii 10,000n 3ffaa bahuun isaa hin yaadatama.

Fiigicha Amisterdaam kanan lammiin keeniyaa Bernaand Koech 2:04:09n xumuruudhaan lammaffaa yemmuu bahu, Li’uul Gebresilaasee 3ffaa baheeraa.

Dubartootaan lammiin keeniyaa Anjelaa Taanuii 2:17: 57 xumurtee rekoordii kanaa dura lammii Itiyoophiyaa Daggituu Azimeraawun galmaahee ture fooyyesiteetti.

Dilbata kaleessaa onkoloesa 17 fiigicha maaratoonii biyya Faransaay magaala paariis keessatti taasifameen dhiiraan lammiin keeniyaa Elisha Rotich 2:05:04 galmeesuudhaan yemmuu tokkoffaa bahu, fiigicha dubartootaatiin lammiin Itiyoophiyaa Tigist Maamuye 2:26:12n xumrtee 1ffaa baateetti.

Fiigicha dhiiraa maaratoonii Pariis kana lammiin Itiyoophiyaa Hayilemariyaam Kiroos 2:04: 42n xumuruudhaan sadarkaa 2ffaa argateera.

Elishaa Rootich, Maaraatoonii Paariis, Onkoloolessa 17, 2021
Elishaa Rootich, Maaraatoonii Paariis, Onkoloolessa 17, 2021

Lammiin keeniyaa fiigicha kana irrati 1ffaa bahe, bakka sana irraatii kanaan duraa rekoordii Qananiisaa Baqqalaatiin qabamee ture cabsuudhaan akka ta’ee gabaaseera.

Qananiisaan Maratoonii Paaris irraatii 2:05:04 galmeesuudhaan rekoordii maraatoonii paaris qabatee akka ture hin beekama.

Maaratoonii Paaris kana irraatii shamarran lamiilee Itiopiaaphiyaa 1ffaa amma 4ffaa ti wal faana galuudhaan seenaa galmeesaniiru.

Akkuma kanaan , Tigist Maamuyyee, Yenenesh Tilahuun Dinqeessa, Faantuu Jimaa fi waaganesh Makaashaa ta’uudhaan wal duraa duubaan xumuraniiru.

Maraatoonii Paaris innii namoonnii 60,000 biyyoottan 145 irraa itti hirmaatan kun, kan karoorfamee ji’a Ebla darbe keessaa ture. Sababa dhibee Kooviid 19n kan ka,e ji’a 6f boodatti harkifatee kan geggesameedha. Sababuma Kooviid kanaa maratooniin paariss inni 2020 ittu hin taasifamin hafeera.

Karaa biraatiin Dilbata kaleessaa biyyaa Speen magaala Baarseloonaatti fiigichaa maaratoonii walakkaa taasifameen, dorgommii dhiiraatiin Haftuu Takilu :59:39n xumuruudhaan 1ffaa baheeraa. Lammiin ugaandaa Steefen Kiisaa 2ffaa, lammiin Itiyoophiyaa Caalaa Raggaasaa 3ffa Aaron Kiflee Eertiraa irraa 4ffaa baheera.

Fiigicha maaratoonoo walakkaa dubartootan taasifameen lammiileen keeniyaa 1ffaa fi 2ffaa yemmuu bahan lammiin Itiyoophiyaa Asnaakech Aweqee 3ffaa baateetti.

XS
SM
MD
LG