Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerrii Itisaa Yunaayitid Isteetes gara Awurooppaa Imaluuf Jiru


Waajira ministirii Ittisa Yunaaytid Isteets, Peentagon (Suuraa faayilii)
Waajira ministirii Ittisa Yunaaytid Isteets, Peentagon (Suuraa faayilii)

Ministeerri Ittisaa Yunaayitid Isteets Lilooyid Austiin torban dhifuu keessaa hariiroo shariikotaa biyyaa isaanii wajjin jiru jabeessuudhaaf garaa Awuroopaa akka deeman oduun Peentagoon irra bahe beekisiseera.

Walgahii ministeerota ittisaa biyyoottan miseensotaa NATO Braasels keessat taasifamu irratii aragamuu isaaniitin duratti, Liloyid Austiin biyyootaan , Joorjiyaa, yuukireen fi Roomaniyaa akka deeman itti gaafatamaan dhimma preesii peentaagoon Joon karbiiy ibsaniiru.

Biyyoottan sadan kun karaa galaana gurrachaatiin warren biyya Raashaadhaan daangeffamaniidha. Romaniyaan Miseensa NATO yemmuu taatu, Joorjiyaan fi Yuukireen immo akka miseensa ta’an yaalamaa jira.

Walgahiin ministerootaa NATO wa’ee Raashaa fi Afgaanistaan irratti akka maryatu gabasameeraa.

Dhimma kanaan walqabatee akka xiinxalaan dhimmaa waraanaa Bradiliiy Boowumaan jedhanitii , peentaagoon xiyyeeffanaa isaa haaraa garaa chaayinaa fi Raashaatti jijjiruu qaba.

Akka xiinxalaan kun jedhanitii yeroo ammaa Chaayinaa fi Raashaan bara 1950 as Hariiroo isaanii caalaattii jabeeffachaa jiru.

XS
SM
MD
LG