Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaaliin Dhukuba busaa Afrikaa keessatti bu’aa agarsiisaa jira 


Keeniyaa, Yaalaa keessatti daa'ima talaallii busaa fudhachaa jirtu, Onkoloolessa 7, 2021.
Keeniyaa, Yaalaa keessatti daa'ima talaallii busaa fudhachaa jirtu, Onkoloolessa 7, 2021.

Deggersii dhaabbata fayyaa aduunyaa Talaalliin dhibee Busaa isaa waggaatti daa’imman Afrikaa 265,000 ajjeesuuf taasisaa jiruu haalaa gaarii irratti akka argamu gabasaameera.

Adduunyaa irratti duutii fi dhukubnii sababa Busaa harkii 90 ol Afrikaa keessaati akka ta’e kan beekisise gabaasinii dhaabbata fayyaa adduunyaa, midhaa dhibee Busaa kanaa biyyii Naajeriyaa harka 25 ol akka qooda qabdu ibseera.

Nijeeriyaa keessatti daa’iman waggaa shanii gadii fi haadhowwan ulfii caalaa akka midhaamaa jiran gabaasin kun dabalee ibseera.

Deggersaa dhaabbata fayyaa adduunyaa kan ojii irraa oole talaallin Busaa Mosqurix jedhamu qorannoo waggaa 30 ol fudhate booda tajaajila irra oolaa jira.

Daarekteerrii dhaabbata fayyaa adduunyaa DR. Tewoodiroos Adhaanoom akka jedhanitti , talaallin Busaa kun seenaa fayyaa hawaasaa jijiiruu kan danda’uudha.

Bara 2019 eegalee talaalliin busaa doozii Miiliyoonii 2 fi qabxii 3 biyyoottan Maalawii, Keeniyaa fi Gaanaa keessatti baldhinaan ojii irra oolee akka jiru gabasameera.

XS
SM
MD
LG