Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Sudaan Kibbaa Badhaasa Amnestii Intarnaashinaal Injifatte


Riyaa Wiliyaam Yuyaadaa (suuraa twiteerii ishii irraa fudhatame, Hagayya 21, 2021 maxxanfame)
Riyaa Wiliyaam Yuyaadaa (suuraa twiteerii ishii irraa fudhatame, Hagayya 21, 2021 maxxanfame)

Kabajaa fi walbummaa dubartonni hawaasa keessaa qaban akkasumas jireenya dubartootaa fi ijoollee kabajsisuuf dubartoota qabsa’aniif beekkannoo kennuuf jecha gareen mirga dhala namaaf falmuu Amneestiin Internaashinaal dameen Amerikaa dubartoota filatee sadii keessaa tokko lammii Sudaan Kibbaa taatee jirti.

Riyaa Wiliyaam Yuyaadaa sudaan kibbaa keessatti, Daayreekteera walii galaa kan garee Kraawan the Wuuman jedhamuu ta’uun kan hojjatan yoo ta’u, nageenya, wal qixxummaa dubartootaa eegsisuun hamilee akka horatan gochuun dubartootaaf cicha qabaniin badhaafaman.

Lammii Amerikaa hidda dhalata xaaliyaanii Ginettaa Sagan akkasumas, meeksikoo irraa Normaa Andraadee kanneenn barana badhaafaman ta’anii jiru.

XS
SM
MD
LG