Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ejensiin “Standard and Poor” Jedhamu Itiyoophiyaa Akka Biyya Liqii Baasuu Dadhabdeetti Gabaasuun Ilaachisee Yaada Hayyootaa


Baankii intarnaashinaalii Bunnaatti hoogganaa tajaajila korporeetii, Obbo Muluneeh Ayyaalew fi dhaabbata “Kuwait Institute of scientific Research” jedhamutti qorataa diinagdee, Doktor Ayyalee Galaan
Baankii intarnaashinaalii Bunnaatti hoogganaa tajaajila korporeetii, Obbo Muluneeh Ayyaalew fi dhaabbata “Kuwait Institute of scientific Research” jedhamutti qorataa diinagdee, Doktor Ayyalee Galaan

Fulbaana 22,2021 Ministirri Faayinaansii Itiyoophiyaa Ibsa baaseen koree liqaa garee biyyoota G20 f iyaannoo Itiyoophiyaan liqaan isheerra jiru akka fooyya’uuf dhiyyeessite fudhatama argachuu, akkasumas dhimmicha Chaayinaa fi Faraansaay akka gaggeessaniif filatamuu Mistira Faayinaansii Itiyoophiyaatti De’eetaan Ministiraa Doktor Iyyoob Takkaaliny wabeeffachuun Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaasee ture.

Iyyannoo Itiyoophiyaan dhiyyeessites yaa’ii koreen liqaa biyyoota garee G20 gaafa Fulbaana 16, 2021 taa’een ta’uu gaabasni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa kun ni ibsa.

Ejeensiin Sadarkaa liqaa deebisuu biyyootaaf qabxii kennu kan “Standard and Poor” jedhamuun beekamu immoo gabaasa gaafa Fulbaana 24, 2021 qabatee ba’een Itiyoophiyaan biyya liqaa irra jiru deebisuu dadahabde jechuun qabxii ishee B- irraa CCC+ gadi buuseera.

Dhimma kanarratti gabaasaan keenya Mitikkuu Fiqaaduu ogeessa diinagdee fi Baankii intarnaashinaalii Bunnaatti hoogganaa tajaajila korporeetii kan ta’an Obbo Muluneeh Ayyaalew, akkasumas dhaabbata “Kuwait Institute of scientific Research” jedhamutti qorataa diinagdee kan ta’an Doktor Ayyalee Galaan dubbisee, gabaasaa qindeesse qaba.

Ejensiin “Standard and Poor” Jedhamu Dhiheenya Itiyoophiyaa Akka Biyya Liqii Baasuu Dadhabdeetti Gabaasuun Ilaachisee Hayyoonni Yaada Adda Addaa Kennan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00


XS
SM
MD
LG