Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa ABUT Irratti Himata Dhiyeesse


Dubbii himaa ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa, Ambaasaaddar Dinaa Muftii (Suuraa faayilii)
Dubbii himaa ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa, Ambaasaaddar Dinaa Muftii (Suuraa faayilii)

Nannoo Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) to’ataa jiru kan Walloo Kaabaa fi Gondar keessatti gochii beekaa bu’uura misoomaa kan uummataa barbadeessuu gaggeessuu isaa mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen, shoroorkeessaa kan ittiin jedhe looltonni ABUT fi wal taatoonni isaanii oomiisha dhaqqabee saamaa akka jiru qonnaan bultoonni nannoo gabaasuu isaanii ibse.

Kana malees iddoo hedduutti dhaabattoota hawaasa tajaajiilan barbadeessuu isaa ibsii ba’e hubachiisee, gocha kanas uummata Amaaraa fi Tigraay giddutti jibbaa fi haaloo hammeessuu caalaa uummata Tigraayiif waan fayyadan akka hin qabne ibsee jira.

Dhimma kana irratti ibsa kan kennan dubbii himaan ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dinaa Muftii, hawaasnii addunyaa karaa haqa qabuun deggersa akka godhuuf gaafatan.

Ibsa kanaaf kallattiin deebii kan hin laannee ABUT ammaan dura ibsa kennaa tureen, himata wal fakkaataa dhiyaatan fudhatama dhabsisaa turuun isaa ni yaadatam jechuun Keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG