Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Baqattoota Afgaanistaanii fi Itiyoophiyaa Keessaa Dhimma Ijoo Marii Gaggeeffamee Ture: Filiippoo Graandee 


Tokkummaa Mootummootaa keessatti komishinarra olaanaa kan waa’ee baqattootaa ,Filiipoo Graandee
Tokkummaa Mootummootaa keessatti komishinarra olaanaa kan waa’ee baqattootaa ,Filiipoo Graandee

Walgahii waggaa kan Tokkummaan mootummootaa baqattoota ilaalchisee torban tokkoof gaggeesse irratti, waa’een baqattootaa fi gargaarsa dhala namaa Afgaanistaan fi Itiyoophiyaa keessaa irratti caalaatti kan qiyyaafatee ture jedha gabaasnii Lisaa Shilaayin Jenevaa irra ergite.

Tokkummaa Mootummootaa keessatti komishinarra olaanaa kan waa’ee baqattootaa Filiipoo Graandee akka jedhanti, mariin torban tokkoof gaggeeffame yaada ijaaraa kan of keessaa qabu akkasumas, gargaarsii hatattamaan akka barbaachisaa ta’eetti, haal duree tokko malee karaa jaarmayoota gargaarsaan uummata miliyoona hedduu Afgaanistaan keessatti manaa fi qe’e ofii irraa godaane akka dhaqqabu walii galteen walii galaa tolfamee jira.

Graandeen akka jedhanti, dhimmi inni lammafaan walgahii kana irratti yaada hedduu gaafatee rakkoo Itiyoophiyaa keessaa ture jedhanii, Jiloonni walgahii kana irratti hirmaatan, dhiyeenya kana mootummaan Itiyoophiyaa aangawoota Tokkummaa Mootummootaa gameeyyii biyya isaa keessaa baasuun, yaaddoo guddaa qaban ibsaniiru jedhan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Rakkoon Baqattoota Afgaanistaanii fi Itiyoophiyaa Keessaa Dhimma Ijoo Marii Gaggeeffamee Ture: Filiippoo Graandee
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:30 0:00


XS
SM
MD
LG