Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen G 20 walgahii addaa taasisee jira


Biyoottan dureeyyii gareen G 20 jedhamee beekamuu jalatti gurmaawan dhimma Afgaanistaan irraatti marii taasisuudhaaf guyyaa hara’aa karaa toora masariitii walgahii addaa ta’anii jiru.

Garee kana kan presidaantummaadhaan hogganaa jiraan Muumeen ministeeraa Itaaliyaa Maariyoo Draaghi akka jedhanitti ergaa gareen Taalibaan Hagayya 15 biyyatti qabatee as Afgaanistaan Yeroo Ammaa gara gidiraa namoomatti deemaa jirtti.

Walgahii G 20 kana irratti akkaataa shororkeessumaadhaan lolamu, haalli Afgaanistaan keessaa fi alatti bilisaan socha’uun danda’amu, akkasumas waa’een dubartootaa ijoo marii akka ta’an Mariyoo Draghii himaniiru.

Walgahii kana irratti Taalibaan fi biyyoottaan Lixaa walttii fiduu irratti shoora kan taphatan biyyii Niizerlaand, Speeyin, Singaapoore fi Kaataar itti dabalamaniiru hirmaataniiru.

Biyyoottan olaa Afgaanistaan ta’an Paakistaani fi Iraan walgahii kana irratti hin afeeramene. Akka midiyaaleen Chaayinaa jedhanitti Prezidaantiin Chaayinaa walga’ichaa keessatti qoodaa hin fudhatanu.

Dhaabileen broo kan akka dhaabbata mootummoota gamtoomanii, gamtaa Awuurooppaa, baankii addunyaa fi fandiin maalaqa aduunyaa (IMF)walga’ichaa irratti akka hirmaatan gabaasameera.

XS
SM
MD
LG