Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa dhimma nageenya Somaaliyaa ilaachisee yaadaa haaraa dhiheessaa jira


Miseensota umna naga eegdotaa Afrikaa isa AMISOM jedhamee waamamu
Miseensota umna naga eegdotaa Afrikaa isa AMISOM jedhamee waamamu

Somaaliyaa keessatti bobba’ee kan jiru umna naga eegdotaa Afrikaa isa AMISOM jedhamee beekamu, Umna mootummoota gamtoomanii waliin qindeessuu akka murteesse Gamtaan Afrikaa beeksiseera.

Manii maree nageenyaaf tika gamtaa Afrikaa yaadaa dhiheesse irratti hundaa’uudhaan Amajii dhufuu jalqabee umnii gamtaa Afrikaa fi kan mootummoota gamtoomanii wal makee akka Somaliyaatti keessatti hojjatugaafateeraa. Karoorii gamtaa Afrikaa kun Manamaree nageenyaa Mooyumootaa gamtoomaniitiin fudhatama argachuu qaba.

Mootummaan Somaliyaa karoora kana akka hin fudhanee duresee ibsuudhaan, gareen naga eegdota gamataa Afrikaa biyyatii keessaa turee adeemsaa keessa dhimma nageenyaa akka umnoota somaaliyaatti dabarsu yaada dhiheessee ture.

Haa ta’u malee gamtaan Afrikaa dhimma kana irratii dhaabata mootumoota gamtoomanii, mootummaa Somaliyaa fi gareewwan qooda qabeessa ta’anii wajjin akka marii taasisuu qabu ibseera. Yeroo amma biyyoottan Afrikaa 5, Itiyoophiyaa, Ugaandaa, Burundii, keeniyaa fi Jibutii irraa kan hirmaataan naga ee

gdonnii 19,000 Somaliyaa keessatti argamu. Gamtaan Afrikaa lakoofsii biyyoottan Afrikaa qooda fudhachaa jiran akka dabaluu qabus fedhii qabu ibsaa jira.

Akka yaadaa haaraa dhihaatee kanaan umnii naga eegdotaa Gamtaa Afrikaa fi dhaabata mootummoota gamtoomanii dhibeentaa 50 poolisoota, dhibeentaa 35 loltootaa, dhibeentaa 15 immoo siviilota kan of keessaa qabu akka ta’u karoorfame.

Yaadichaa ojii irra oolchudhaaf gamtaan Afirkaa, dhaabanii mootummootaa gamtoomanii fi Mootummaan Somaaliyaa walii galanii murteessuu akka qaban ibsameera.

XS
SM
MD
LG