Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonii Yuunversitoota Tigraayi keessa turan Mootummaan fala nuuf kennuu qaba jedhan


Yuuniversitoota naanno Tigraay jiran keessa baruumsa irra turaanii sababa walwaraansaatiin kan ka’e baruumsaa isaanii addaan kutan mootummaan akka fala barbaaduuf gaaffii dhiheessaa jiru.

Barattoonii baruumsaa isaani addaan kutanii gara maatii isaaniitii deebi’an kun torban kana maatii isaanii wajjin ta’uudhaan fuullee ministeera barnootaatti hiriiraa bahanii komii isaanii dhiheessuu yaalanus qaamni deebii kenneef akka hin turre gabaasin Kenedii Abaatee sagalee Amerikaatiif erge ibseera.

Barattuu waggaa 5ffaa yuuniversitii Adigiraat kan turteef ittu walwaraansii jiraachuu dhabaatee barana akka ibifamtu kan dubbatte shamareen Beeteliheem Alamaayyoo jedhamtu carraa baruumsaa isaanii ilaachisee mootummaan amma hara’aatti fala laachuu dadhabuun isaa akka ishee gaddisiisee dubbateetti.

Barataa Yuuniversitii Maqalee akka ture kan dubbate dargaggoon Andualem Alamaayyoo gamaa isaatiin fala mootummaa eeguu iraa kan ka’e murtoo mataa isaa fudhachuudhaaf akka rakkatee VOAti himeera.

Mootummaan Itiyoophiya imaammata haaraa baaseen kan diigame Ministeerrii Sayinsii fi baruumsaa ol aanaa ji’a Adoolessaa keessaa ibsa kenneen, naannoo Tigraayi keessaa yuuniversitii jiran 4 keessaa barattoota 10,000 ol ta’an baasuu isaa ibsee ji’a Hagayyaa keessaa akka fala kennuuf beekisisee ture.

Amma ministeerichii diigamee dhimmi baruumasa ol aanaa gara Ministeera Barnootaatti deebi’eera.

Dhimma barattootaa kana irraatii deebii haangaa’otaa ministeera baruumsaa argachuuf yaaliin taasifame akka hin milkoofne gabaasin Kenedii Abaatee ibsera.

XS
SM
MD
LG