Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa haleellaa jalqabuu isaa Dubbi Himaan TPLF ibse


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Mootumaan Itiyoophiyaa haleellaa isa xumuraatii jedhe nurraatti baneeraa jechuudhaa qaamnii Adda bilisummaa Umata Tigraayiin durfamu kan Mootummaa naannoo Tigraayi jedhee of waamu ibseeraa.

Akka gabaasin qaamaa kanaa jedhutti,mootummaan Itiyoophiyaa umnoottan naannoo Amaaraa fi umnoottan biroo waliin ta’uudhaan adda huundaanuu lola bane jira.

Mootummaa Itiyoophiyaa loltoota lafootti dabalatee meeshaalee gurgudoodhaan,taankota, xiiyyaara waraanaa fi diroonii ykn xiyyaara nama malee balali’u fayyadamuudhaan haleellaa taasisaa jira kan jedhee ibsii qaama Mootummaa naannoo Tigraay jedhee of wamuu kun, hidhatoonnii isaa duulichaa of irraafaccisaa jiraachuu isaanii ibsee hawaasin adduunyaa tarkaanfii mootummaa Itiyoophiyaa akka balaaleffatu gaafateeraa.

Ibsii mootummaa naannoo Tigraayii jedhamuu kun haleellaan kan irratti raawwatamaa jiru bakka kamitti akka ta’e ibsuu baatus, dubbi himaaan Adda bilisummaa Ummata Tigraay Geetachoo Raddaa lolli xiyyaaraan deggerame kun kan taasifaamaa jiru bakkeewwan naannoo Amaaraa fi Affaarii ta’anii garuu too’annoo TPLF jala kan jiran irratti akka ta’ee maddi Oduu Rooyiters gabaasee jira.

Dhimmaa kana irratti yaadaa waliigalaa Rooyitariif kan kennaan itti gaafatamtuun dhimma preesii waajjiraa Muumee ministeeraa Itiyoophiyaa Biillenee Suyyum , mootummaan Itiyoophiyaa kutaa biyyatii kamiinuu keessaa ti lammiilee biyyatii haleellaa shororkeessumaa iraa ittisuu itti gaafatamumaa qabaa jedhaniiru.

Akka biillenee Suyyum dabalanii himanitti, mootummaan Itiyoophiyaa badiinsaa Hiwahat Lubbuu namaatii fi qabeenya irratti geesiseef deebii kennuu itti fufa jedhchuun isaanii gabaasameera.

Dhimaa kana irratti VOAn Mootummaa feederaalaa irraas ta’e Mootummaa naannoo Amaaraa irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasise akka hin milkoofnee gabaasin Iskindir Fireewu ibseera.

XS
SM
MD
LG