Xurree ittiin seenan

Breaking News

Samaatnaa Paawar Ibsa Baasanii Jiru


Bulchituu waajiira gargaarsa misoomaa kan sadarkaa addunyaa(USAID), Samaantaa Paawar (suuraa faayilii)
Bulchituu waajiira gargaarsa misoomaa kan sadarkaa addunyaa(USAID), Samaantaa Paawar (suuraa faayilii)

Biyyoota gaanfa Afrikaatti jila addaa kan Yunaaytid Isteetes Jefrii Feltman fi ofii koo dhimma Itiyoophiyaa gama kaabaa kan ilaaleen walgahii sadarkaa olaanaa kan ministeerootaa gaggeessinee jirra jechuun bulchituun waajiira gargaarsa misoomaa kan sadarkaa addunyaa(USAID) Samaantaa Paawar kaleessa ibsa baasaniin beeksisanii jiru.

Itiyoophiyaa gama kaabaa lafa siviloonni miliyoona hedduun yeroo ammaa rakkoo gargaarsa dhala namaa addunyaa irratti hamaa jeddamee keessa tokko kan jedhu ibsii kun, ministeeronni sadarkaa olaanaa kan biyyoota dureeyyii G-7 jedhamanii fi biyyonni gargaarsa arjoomuun beekaman fi kanneen biroon, bakka buutoota gameeyyii kan kaanaadaa, Deenmark,Gamtaa Awuroopaa, Fiinlaand, Farnsaayii, Jarmanii, Ayeerland, Xaaliyaanii, Jaappaan,Neezerlaands, Nooorweey, Siwiidiin fi yunaaytid Kiindam akkasumas Yunaaytid Isteets itti hirmaatanii jiru.

Hirmaattonni walgahii kanaas rakkoon gargaarsa dahala namaa hammaachaa adeemuu isaan, yaaddoo gad fagoo akka qaban ibsuun, uummata Itiyoophiyaa gargaaruuf cicha qaban ibsanii jiru.

Rakkoon kun eega jalqabee kaasee gargaarsa guddaa kan kennite Yunaaytid Istees Doolaara Miliyoona 600 fi miliyoona 63 kan laattee yoo ta’u, kaleessa immoo dabalataan Doolaara Miliyoona 26 gargaarsa dhala namaaf kan kennitu ta’u beeksiiftee jirti.

Hirmaattonni walgahichaas, rakkoo kanaaf furmaata arguun barbaachisaa akka ta’e walii galanii jiru jedha ibsii ba’e kun.

XS
SM
MD
LG