Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa fi Somaaliyaa Gidduu Falmii Tureef Murtiin Kennamee Jira


Manni murtii haqaa kan sadarkaa addunyaa Keniyaa fi Somaaliyaa giddutti daangaa bishaanii jiru iratti murtii kennee jira.Kunis biyyonni lameen waggoota dheeraaf dhimmi kana irratti walii galuu eega dadhabanii booda

Mutiin Kibxata kaleessaa kenname kun, bishaan lafa squuweerii kilo meetra kuma dhibba tokko kan galaana Hindii irraa handaara galaana Keniyaa fi Somaaliyaa dhaqqabu irratti ture.

Iddoon kun kuufama Zayiita boba’aa fi Gaaza uumamaa qaba jedhamee waan amanamuuf jecha biyyoota lameen giddutti falmii kaasisee.

Murtiin kenname Somaaliyaaf gaarii waan ta’eef jecha, Keniyaan fudhatama akka dhabsisuuf jirtu beekamaa dha jedhameera.

XS
SM
MD
LG