Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Rakkoo Dhiyeessii Amerikaa Mudatee Irratti Dubbachuuf Jiru 


Konteeneroota buufata Los Angeles keessaa, Loos Anjeles, Onkoloolessa 1, 2021
Konteeneroota buufata Los Angeles keessaa, Loos Anjeles, Onkoloolessa 1, 2021

Prezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baaydin Roobii har’a kaampaanilee mi’a adda addaa erguu fi seensisuu irratti bobba’an, kanneen waan uummataaf barbaachisuu mara dhiyeessanii fi gamtaa hojjattoota buufata donii waliin rakkoo dhiyeessii danqaa ta’e jiru irratti dubbachuuf jiru.

Weerara vaayrasii Koroonaan kan ka’e, hanqiinni humnii namaa hojitti bobba’uu mudachuu isaan, Industriwwan hedduun waan hojjataa jiran xumuranii gabaa irratti dhiyeessuuf waan isaan barbaachiisu dhabuun rakkataa waan jiraniif jecha, gaaffii namaoonni waan barbaadan bitachuuf dhiyeessan akkaan dabalaa jira.,

Kannen har’a Waayit Haawuus keessatti marii gaggeeffamuu kana irratti hirmaatan keessaa, bakka bu’oota mana daldalaa Woolmaart, Hoom Diippoo, Yuu pii ees(UPS), Buufata donii Loosaanjalas, fi gamtaan internaashinaal Loongshoor and Weer Haawuus Jedhamu keessatti argamu.Prezidaant Baaydiin sana booda dhimmi kana irratti ibsa kennuu jedhamee sagantaan qabamee jira.

Dubbii himtuun Waayit Haawuus Jeen Saakii Kibxata kaleessaa oduu gabaastootaaf ibsa kennanniin waan barbaachiisaa ta’an martii, karaa buufata donii qabnuu seenuun uummata biyyatti dhaqqabuu dhabuun, danqaa tokko ta’u ni beekna jedhanii turan.

XS
SM
MD
LG