Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahii Baaydiin fi Keenyaattaa


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin fi prezidaantii Keniyaa Uhuuruu keenyaattaa
Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin fi prezidaantii Keniyaa Uhuuruu keenyaattaa

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin hogganoota biyyoota Afrikaa keessaa yeroo jalqabaaf prezidaantii Keniyaa Uhuuruu keenyaattaa Waayit Haawuus keessatti har’a simachuuf jiru.

Waayiit Haawuus akka jedhutti, mariin gaggeessan dhimmootii Dimookraasii fi mirga dhala namaa, akkasumas nageenya, guddiina dinagdee jajjabeessuu fi jijjiirama qilleensaa irratti fulleeffata.

Kana malees caasaa maallaqaa kan biyya keessaa fi addunyaa kan ilaaleen hunduu ifa ta’u akka qabuu fi itti gaafatamummaan akka jiraachuu qabu Baaydinii fi Keenyaattaan dubbachuuf jiru jedha Waayit Hawuus.

Kunis qabeenyaa keenyaattaan baa gamaa qabu jechuun gurmuun Gaazexxesootaan qorannaa ifa ta’e mariin kun dabalata jedhamee eegama.

Walgahiin prezidaantoota lameenii kun ennaa walitti bu’iinsaa fi rakkoon gargaarsa dhala namaa Itiyoophiyaa keessatti itti fufee jiruutti gaggeeffamuuf deema.

XS
SM
MD
LG