Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba’iin Qorannoo Talaallii Kooviid-19 Ifa Ta’e


Namoonni talaalii dhukkuuba KOOVIID-19 ittisuu fi tokkio qofti kennamuu kan Jaansan and Jaansan jedhamu waraanattan, humna talaaliichaa dabaluuf kan gargaaruu booster jedhamu, gosa tallaalii Faayzar ykn Moderna dabalachuu akka danda’an qorannaaleen sadarkaa duraa gaggeeffaman agarsiisanii jiran.

Qorannaa dhaabbatti Naashinaal Instituut of Heelz jedhamu kan Yunaaytiid Isteetsiin gaggeeffamee kun akka agarsiisuutti, namoonni talaalii tokkitti kan Jaansan and Jaansan fudhatan, talaalii Moodarnaa jedhamu dabalanii yoo warraanatan qaamii isaanii dhukkuba of-irraa ittisuuf dandeettiin qabu, dachaa 76n dabalee jira.

Warrii Talaalii Jaansan and Jaansan waraanatanii talaalii Faayzar dabalatan immoo dacha 35 dabalee jira jedha.

Qorattonni akka jedhanti, kanneen duraan tallaalii Jaansan and Jaansan tokkicha fudhatanii turan, isuuma yoo dabalatan immo, humnii qaamnii isaanii dhukkuuba ittisuuf qabu dacha 4 qofa dabalaa.

Bulchiinsii nyaataa fi Dawaalee kan Amerikaa irraa gareen gorsa kennan,waa’ee talaaliwwan marsaa biraan kennamuu qaban ilaalchisee walgahii guyyaa lamaa Kamiisa har’a ennaa jalqabanti, qorannaan kun immo labsamee.

XS
SM
MD
LG