Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atleet Maammituu Daskaa Dorgommii  Figiicha Maaraatonii Dubartootaa Fraankfart Irratti Injifatte


Atleet Maamituu Daskaa
Atleet Maamituu Daskaa

Dur ijoollummaa isheetti nannoo itti dhalatte godina shawaa dhiyaa, aanaa Calliyaa, ganda Jaarsoo Dirree Gadaa keessatti karaa mana barumsaa figichaan dorgomaa akka turte yaadatti. San booda akka naannoo jiraattutti eega dorgomaa turtee booda gara Finfinneetti galuun gartuu poolisii Oromiyaaf dorgomaa akka jirtu dubbatti. Yeroo jalqabaaf gara biyya alaatti imaluun kan dorgomte biyya Speen irratti ta’uu fi dorgommii sadarkaa addunyaa adda addaatti hirmaachuu ishee ibsitti, Atleet Maammituu Daskaa.

Torban lama dura jechuun Onkolooleessa 30 bara 2016 Fraakfart Jarmanii keessatti kan gaggeeffame fiigicha maaraatonii dubartootaa irratti injifachuu ishee sabaa-himaan addunyaa gabaasanii turan.Waan bobba’an irratti cichaan hojjachuun lafa yaadaniin nama ga’aa- jetti Atleet Maammituun.

Gabaasaa Guutuu kana cuqaasuun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG