Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baamaakoo Cinatti Hidhattonni Ajjefaman


Baamaakoo Cinatti Hidhattonni Ajjefaman
Baamaakoo Cinatti Hidhattonni Ajjefaman

Bakka ajjeechaan kun itti rawwatame kan bashanannaa yoo ta’u lammiwwan biyyoota gama dhyaa biratti beekamaa dha.

Handaara magaalaa galama mootummaa Maalii Baamaakoo cinatti hidhattoota haleellaa geesisan keessaa yoo xiqqaate 4 humnootiin nagaa eegsiisan kan biyyattiin ajjefamuun ministeerri nageenyaa ka biyyatti Salif Traore ibsanii jiru.

Dilbata kaleessaa haleellaa hidhattonni kun geesisaniin namnii lama ajjefame. Bakka ajjeechaan kun itti rawwatame kan bashanannaa yoo ta’u lammiwwan biyyoota gama dhyaa biratti beekamaa dha.

Humnootiin nageenyaa jiraattoota 36 caalaa kan baraarsan yoo ta’u isaan kana keessaa 13 lammiwwan Faransaayii ti.Kanneen lafa bashannanaa turan kana keessa waraana Faransaay kan imala irratti bobba’an akkasumas qaamoonni Tokkummaa Mootummotaa fi gamtaa Awuroopaa kannen imala irra jiran achi turan.

Waraanni Fransaayii Bamaakoo keessa hin jiran.Garu kanneen kuma lama ta’an Maalii Kaabaa keessa maadheffatanii leellistoota Islaamaa waliin wal waraanaa jiru.Humnootiin nagaa eegsiisan kan Tokkummaa Mootummotaa kuma Kudhan biyyatti tasgabeessaa jiru.

XS
SM
MD
LG