Xurree ittiin seenan

Looltuun Somaaliyaa Adaba Du’aatu Irratti Murame

  • VOA

Faayilii - Namoonni reeffa Ministeera Somaaliyaa ajjeefamee baatanii

Dura ta’an mana murtii kanaa umriin isaa 29 kan ta’e Ahmed Abdullahi Abdii irratti adaba muramee har’a dubbisuun dhageesise.

Ministeera Somaaliyaa ajjesee jechuun manni murtii waraanaa kan biyyatti looltuu tokko irratti adaba du’aa muree jra. Dura ta’an mana murtii kanaa umriin isaa 29 kan ta’e Ahmed Abdullahi Abdii irratti adaba muramee har’a dubbisuun dhageesise.

Qorannaa yeroo dheeraa fi ragaalee ajjechaa kanatti hidhata qaban manni murtii eega ilaalee booda beekaa dhukaasee ministeeriicha ajjesee jechuun xumure.

Kanaaf jecha waan nama irratti rawwate ofiis argachuu qaba jedhu dura ta’an mana murtii waraanaa Hassan Alii Shuute.Ministeerichii ajjefaman umriin isaanii 31 yoo ta’u Abbas Sheik Siraj jedhamu.Kabinee Somaaliyaa keessatti nama umrii xiqqaa qaban turan.

Prezidaantiin somaaliyaa ajjechaa ministeera kana irratti gaggeeffameen gadduu isaanii ibsanii jiran.

XS
SM
MD
LG