Xurree ittiin seenan

Breaking News

Landan keessatti Namnii Kudha Mada’anii Jiran


Landan keessatti Namnii Kudha Mada’anii Jiran
Landan keessatti Namnii Kudha Mada’anii Jiran

Polisiin akka jedhutti haleellaan kun musleemoota irratti kan qiyyaafate ta’uun ifa dha.Kanaaf akka haleellaa shoroorkaatti ilaalama jedhan.

Wiixata har’a ganama konkolaataan tokko magaalaa Landan keessa ka jiru Masjiida tokko cinatti musleemoota karaa irra adeemaa turan rukutuun 10 madeessuu isaa polisiin magaaaltti beeksisee jira.

Polisiin akka jedhutti haleellaan kun musleemoota irratti kan qiyyaafate ta’uun ifa dha.Kanaaf akka haleellaa shoroorkaatti ilaalama jedhan.

Bulchaan magaalaa Landan Sadiq Khan kun gocha shoroorkaa hamaa magaalaa keenya keessatti gaggeeffame jedhan.Mummittiin ministeera Briteen Teresaa Meey haleellaa musleemoota irratti masjiida isaanii cinatti gaggeeffame jedhan.

Itti aanaa komishinaraa fi duula farra shoroorkaaf angawaa gameessa kan ta’an Neil Basu har’a toota oduuf akka ibsanti lafa balaan kun itti dhaqqabe Landan gama kaabaa keessatti namnii tokko du’un gabaafamee jira.Garu maaltu akka ajjese qoratamaa jira.Angawoonni akka jedhanti qondaaltoonni polisii shofeerticha kokolaataa Sanaa kan umriin isaa 48 uummata iddoo sana tureen qabamee polisoonni immo hidhan.

XS
SM
MD
LG