Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eertraan Naannoo Falmisiisaa Ta’e Dhuunfatte: Jabuutii


A map delineates past areas of conflict between Ethiopia and Eritrea.
A map delineates past areas of conflict between Ethiopia and Eritrea.

Jibuutiin erga Qaataar humnootii ishee nagaa eegisisan jalqaba toran kanaa daangaa irraa kaastee booda Eertraan naannoo falmisiisaa ta’e dhuunfatte jechuun himatte.

Angawoonni Jibuutii akka jedhanitti loltoonni Eertraa naannoo gaara Dumee’iraa fi odola Dumee’iraa kan to’atan erga Qaataar roobii darbe loltoota ishee 450 kanneen waggoota torban darbaniif naannoo sana to’atanii turan achii baaftee booda.

Qaataar maaliif tarkaanfii sana akka fudhatte hin ibsine. Sochiin isee kun kan dhaga’ame erga Eertraa fi Jabuutiin Saaudii cina hiriiruu dhaan falmii diplomaasummaa Qaataarii fi hollaa ishee gidduutti geggeessamaa jirutti hirmaatanii booda.

Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddera Jabuutii kan ta’an Mohamed Siad Doualeh VOAf akka ibsanitti biyyi isaanii gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaatti komee ishee dhiyeessitee jirti jedhan.

VOAn angawoota Eertraa biraa deebii argachufu yaaliin godhe hin milkoofne. Ertraa fi Jabuutiin bara 2008 keessa erga akka Jibuutiin jettutti Eertraan loltoota ishee daangaa irratti bobbaafteer booda walitti bu’anii turan.

XS
SM
MD
LG