Xurree ittiin seenan

Koolu Galtoota Liibiyaatti Iggitaman Gad Dhiisisuuf Tattaaffiin Godhamaa Jira


Koolu Galtoota Gad Dhiisisuuf Tattaaffiin Godhamaa Jira

Koolu galtoota 200 kanneen Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa irraa ta’aniif Liibiyaa keessatti iggitamanii jiran gad dhiisisuuf tattaaffiin godhamaa jira jedha jaarmayaan koolu galtoota sadarkaa addunyaa. .

IOM akka jedhetti Koolu galtoonni Liibiyaa mana hidhaa seeraan alaa keessatti iggitamanii jiraachuu viidiyoon mul’isu Waxabajjii 9 FB irratti maxxanfamee jira.

Maatiiwwan namoonni duraa dhabamanii viidiyoo gabaabaa kan firoottan isaanii akka gad dhiisaman yoo barbaadan gumaa akka baasan gaafatutu isaan dhaqqabaa jira.

Dubbi himaan IOM Joel Millman VOAf akka ibsanitti maddi viidiyoo kanaa hin beekamu garuu kan dhugaa ta’uu isaaf shakkii xiqqootu jira. Bakki namoonni sun kutaa tokko keessatti heddumminaan itti hidhamanii jiran garuu sodaachisaa dha jedhan.

Namoonni dhakaan akkan yaadutti laphee fi dudda isaanii irraatti fe’amee dararamaa jiraachuu dhageenyee jirra. Miilli namootaa cabeera. Dirmammuun qaama isaanii irratti kan mul’atuuf namoota akkaan huuqqatantu mul’atu. Kanneen ijaan argan illee midhaan nyaataa utuu hin argatin hanga tokko turuu isaanii dubbatu.

Yakkamtoonni kun namoota iggitanii jiran gad dhiisuuf hanga doolaara kuma saddeetii olii kan gaafatan ta’uu Millman ibsanii, maatiiwwan isaaniis firoottan isaanii gad dhiisisuuf qabeenyaa isaanii gurguraa jiru jedhan. IOM koolu galtoonni kun bakka itti hidhamanii jiran adda baafachuuf michoota isaa waliin hojjetaa jiraachuu beeksise.

XS
SM
MD
LG