Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiirama Sirna Barnootaa  Oromiyaa fi Waa’ee Qubee Ogeeyyiin Maal Jedhu?


Jijjiirama Sirna Barnootaa  Oromiyaa fi Waa’ee Qubee Ogeeyyiin Maal Jedhu?
Jijjiirama Sirna Barnootaa  Oromiyaa fi Waa’ee Qubee Ogeeyyiin Maal Jedhu?

Dhiheenya kana Televiiziyoonni Motummaa naannoo, Televiiviisiyooni Oromiyaa, Kaarikulamiin yokaan sirni barnootaa haraan sadarkaa tokkoffaa naannoo sanaaf bahuu isaa fi tartiiba barsiisa qubee Afaan Oromoo irratti jijjiiramni ta’uu eega beeksisee as yaadawwanii fi mormiilee hedduu tu dhaga’amaa jira. Eega Televiiziyoonni Oromiyaa oduu sana baasee booda kan fuula Feesbuuk isaanii irratti barreessan – Hoogganaan Biiroo Komiyunikeeshinii mootummaa Oromiyaa – Obbo Addisuu Argaggaa, “tartiibni Qubee hin jijjiiramne. Gara fuul-duraattis hin jijjiiramu” jechuun beeksisan.

Achii booda immoo, Itti-gaafatamaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa – Dr. Tolaa Bariisoo, Feesbuukii irratti, “Tartiibni qubee hin jijjiiramne. Garuu, kitaaba kutaa tokkoffaa irratti, dogoggoraan gabateen qubee otuu hin maxxanfamiin waan hafeef, kun dogoggora sirreessuun dandaf’ame” jechuun barreessan. Dhimma jijjiirama Kaarikulamii Oromiyaa kana ilaalchisee, ogeeyyii fi hayyoota adda addaa sagantaa keenya irratti haasofsiisaa jira. Yunivarsitii Finfinneetti dura-taa’aa Muummee Afaan Oromoo, Dt. Xilaahun Taliilaa, Yuniversitii Finfinnee, Muummee Afaanota Alaa fi Hog-barruu irraa, barsiisaa Afaanii fi og-barruu Afaan Oromoo irraa – Obbo Qulqulluu Ijoo fi ka duraan Yunivarsitii Jimmaatti gargaaraa proofesaraa turan – ogeessa lingustiksii yokaan Xiinqooqaa fi qorataa Afaan Oromoo – Amaanu’eel Raagaa ti hayyoonni haasofsiisne.

Jijjiirama Sirna Barnootaa  Oromiyaa fi Waa’ee Qubee Ogeeyyiin Maal Jedhu? Kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:16 0:00
Jijjiirama Sirna Barnootaa  Oromiyaa fi Waa’ee Qubee Ogeeyyiin Maal Jedhu? Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:35 0:00
Jijjiirama Sirna Barnootaa  Oromiyaa fi Waa’ee Qubee Ogeeyyiin Maal Jedhu? Kutaa 3ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:15 0:00

XS
SM
MD
LG