Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaa Koolu Galtootaaf Obaamaan Diriirsan Bulchiinsi Traamp Hambisuuf Jiru


Sagantaa Koolu Galtootaaf Obaamaan Diriirsan Bulchiinsi Traamp Hambisuuf Jiru
Sagantaa Koolu Galtootaaf Obaamaan Diriirsan Bulchiinsi Traamp Hambisuuf Jiru

Ministriin naga eegumsa biyyoolessaa US sagantaa Immigireeshinii kan yeroo bulchiinsa Obaamaa ba’eef maatiiwwan koolu galtootaa kanneen ijoolleen isaanii seeraan biyya kana keessa jiraatan biyyaa akka hin bane eeyamu hambisee jira.

Ministriin naga eegumsa biyyoolessa ibsa kaleessa galgala baaseen akka jedhetti hoogganaan ministerichaa John Kellyn seerri sun akka hafu mallatteessaniiru.

Prezidaantichi duraanii Baaraak Obaamaan sgantaa sana bara 2014 keessa kan labsan yoo ta’u, Obaamaan aboo isaaniif kennan irra darbuu dhaan koolu galtoota seeraan ala US keessa jiraataniif kunuunsa godhu jechuun manneen murtii federaalaa kutaalee Ameerikaa 26n mormiin irratti dhiyaatee ture.

Waadaa yeroo duula filannoo Traamp keessaa inni ijoon koolu galtoota seeraan alaa biyyattii keessaa baasuu isa jedhu ture.

Haa ta’u malee ibsu kun sagantaa DACA jedhuuf kan ijoolleen koolu galtootaa ijoollummatti as dhufan kanneen kuma 770 ta’an biyyaa akka hin bane godhu hin ilaallatu.

XS
SM
MD
LG