Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Imaammata Kuubaa Ilaalchisee Obaamaan Laaffisan Cimsuuf Jiru


Traamp Imaammata Kuubaa Ilaalchisee Obaamaan Laaffisan Cimsuuf Jiru
Traamp Imaammata Kuubaa Ilaalchisee Obaamaan Laaffisan Cimsuuf Jiru

Prezidaant Doonaald Taamp walakkeessa jaarraa booda hariiroo ameerikaan Kuubaa waliin uumuuf Prezidaantiin duraanii Baaraak Obaamaan eegalan hambisuuf hojjetaa ka jiran ta’uu har’a beeksisan.

Qajeelfama haaraan ba’u dhiibbaa inni qabaatu hojii irra ennaa olu kan beeksisamu ta’uu angawaan gameessi White House tuuta oduuf ibsaniiru.

Imaammati sun prezidaantichaan kan beeksiame Maayaamii “Little Havana” jedhamu keessatti yoo ta’u qajeelfama sana wixineessuun battala jalqaba jedhan.

Kanneen keessaa lammiiwwan Ameerikaa gamasitti akka hin imalle daldala biyyattii irra uggura kaa’uu dha.

Kanneen imaammata Traamp wixineessan akka jedhanitti tarkaanfiin bulchiinsa Obamaa duraniin fudhatame waraana fi tajaajila basaasa Kuubaa cimsa jedhan.

XS
SM
MD
LG