Xurree ittiin seenan

Breaking News

Badhaasa Walabumma Preesii Adduunyaa


Badhaasa Walabumma Preesii Adduunyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:02 0:00

Badhaasnii preesii wallaba adduunyaa kan bara 2021 Gaazexesootaf kenname haala presii adduunyaa saaxilamnii rakkinaa dabalaa deemu keesaa akka jiru agarsiisu isaa dubbata gabbasini Julie Taboh VOA dhaaf qopheesitee .

Ayyee chan Naing daarekteraa fi gulaalaa ol anaa sagalee Barmaa ti. Yemmuu loltoonni Maynmaar fonqolchaa raawwatanii anngoo mootumma qabatan dhaabilee mediyaa irrati tarkaanfii fudhataniin dhaabanii oduu isaa kan wallaba ta’e gidiraa cimaa keessa seene.

Naing bakka yeroo ammaa bakka Sagaleen Barmaa / DVBn karaa saatelaayitii gara Barmaa ti ykn mynmaarti tamsa’u biyya Noorway keessaa qubatee tore.

"Loltoonii yemuu guraandhala 2021 aangoo qabatan gaazexesisootaa 100 ol hidhan. 50 kan ta’an ammas mana hidhaa keessa jiru," jedha Ayyee chan Naing

Warren hidhaman kana keesaa Gaazexeesonni dhaabataa isaatiif ojjatanu heduudhaa.

Naing warren badhaasa walabumaa preesii adduunyaa garee mirga gaazexeessotaatiif falmu /CPJ kennu isa bara 2021 argatan keessaa isa tokko.

"badhaasin kun gidiraa gaazexessota keenyaa lafa irratti muudataa jiru agarsiisa. Wareen mana hidhaa keessa jiran agarsiisa. Warren lubuu isaanii fi jireenyaa isaanii egerii balaa keessa galchanii ojjatan," jedha.

Akkasumas gaazexesoonii Beellaarus, Guu’atimaalaa, fi Moozaambiki rakiina biyyoottan isaanii keessa jiru gabaasuu isaaniitiif badhaasa kabajaa argataniiru.

Joel Simoon daarekteera olaana koree mirgaa gaazexesootaaf falmuu CPJ ti. Wa’ee kana irratti VOA waliin dubbataniiru.

"Haallii gaazexeessummaa walabaa Yunaayitid Isteets dabalatee bakka hundatti Akka jijjiramaa jiru Warrii badaafan beeku . nus ni beekna. Gidraaleen jiran jaboodha," jedhu Joe Simon.

Gaazexeesituu biyya Guu’atimaalaa kan taate Anastaasiyaan mormii hagayyaa bare 2020 magaalee ishee Joyabajkeessa ture gabaasudhaan nama jalqabaati. Boodee hin hidhamtte.

"Guyyaa 36f bilisummaa koo dhabeen ture. Adeemsaa seeraa tursiisuudhaaf jedhamee mana murtiitti dhihaannan koo lafa irra harkifate," jette.

Abbaan seeraa akka isheen baleessaa hin qabne murteesan. Haa ta’u malee Mejiaan ammayyuu sodaa keessa jirtti. Itti dabaluudhaanis, "yoon dubbachuu itti fufa ta’e na ajjesu. Maatiikoo balleesu," jette.

Joel simoon waa’ee egeree gaazexeesummaa yemuu yaadu abdiin of eeggannoo of keessaa qabu akka itti dhagahamu dubbata. Nama hojiidhaan agarsiisuu danda’us.

"Walabummaan preesii ykn walabumaan yaada ofii ibsachuu lola bara odeeffanooti. Moo’uu qabna. Qabsoo jabaadhaaf dheeraa ta’e keessa akka jirus baruu qabna," jedhan.

Ayye chan Naings qabsoo walabumma preesii keesaa turuu barbaada.

<< egeree ifa qabeessa ta’etu nat mul’ata. Amma ergaa lolitoonni fonqolcha mootummaa taasisanii ji’a 10 ta’eera. Akka biyyatiin, akka ummanii callsan gochuu garuu hin dandeenye. Odeeffannoo hedduu guutummaa biyaa keessaa argachaa jira.

Yero jalqabaatiif yemuun Barmaa gad lakkisee bahu deebi’ee biyya kootti galuudhaaf wagga 20 natti fudhate. Abdii an amma qabuun garuu amma yeroo Sanaa nat hin fudhatu.>> jedhe.

XS
SM
MD
LG