Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taliban Taatoon Dubartootaa TV Irratti Akka Hin Dhiyaanne Ajaje


Taattuu filmii Nafisaa Nafiis (suuraa faayilii)
Taattuu filmii Nafisaa Nafiis (suuraa faayilii)

Buufataaleen Televiziyoonaa Afgaanistaan keessa jiran fiilmiiwwan aartistoot dubartootaa agarsiisan tamsaasuu akka dhaabnii fi gaaixeessonni dubartootaa akka seera shariyaa garee kanaatti hijaaba akka hidhatan ajajee jira.

Uggurri kun Talibaniin kan qophaa’e qajeelfama qabsii saddeet qabu kan gareen seerri isaa cimaa ta’e kun mirga dubartootaa murteessuu ti. Itti dabaluu dhaanis fiilmiiwwanii fi diraamaaleen taatolee dubartootaa qabaachuu hin qaban jedha qajeelfamni sun.

Imaammati haarawaan kun itti dabalee buufataaleen televiziyoonaa kanneen dhiira gatiittii qabee hang jilbaatti huchuu dhaan qaama isaanii hin dhoksine akka hin mul’isne ugguree jira.

Akka qajeelfama kanaatti seera shariyaa fi safuu Afgaanistaan waliin kashlabummaa wal faallessan akka hin babal’anene akkasumas vidiyoowwan kanaan faallaa ta’an akka hin agarsiisamne dhorka jedhee jira. Fiilmiiwwan alaa fi biyya keessatti qophaa’an kanneen aadaa alaa fi aadaa biyya keessaa faallessan illee darbuu hin qaban jedhee jira. Qajelfamni sun itti dabalee qoosaawwan namoota dhuunfaa arrabsan ykn kabajaa dhorkan illee ni uggura.

Talibaan erga walakkeessa baatii Hagayyaa aangootti deebi’ee qabee akka seera shariyaatti mirga dubartootaa eegsisuuf irra deddeebi’ee waadaa seenaa ture. Haa ta’u malee amma iyyuu durboonni Afgaanistaan amma iyyuu konyaalee hedduu keessaa mana barnootaa sadarkaa lammataatti akka hin deebine ugguramanii jiru. Biyyi inni kam iyyuu mootummaa ce’umsaa Taliban kan Kaabuul keessaa dhiirotaan dhuunfatameef beekkannaa kan kenne hin jiru.

XS
SM
MD
LG