Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Kan Na Hidhe Filannoo Keessatti Akka Ani Hin HIrmaanneefi: Obbo Baqqalaa Garbaa 


Obboo Baqqalaa Garbaa fi Obboo Jawaar Mohammad mana murtii Lidataa yeroo seenan, Adoolessa 16, 2020
Obboo Baqqalaa Garbaa fi Obboo Jawaar Mohammad mana murtii Lidataa yeroo seenan, Adoolessa 16, 2020

Obbo Baqqalaa Garbaa lubbuu namaa baduuf qabeenyaa qarshii miliyoona hedduutti laka’amu manca’uuttin shakkee jechuu dhaan poolisiin raga walitti qabuu isaa ibsee yeroo qorannaa itti dabalaa akka kennamuuf gaafate. Obbo Baqqalaanis dhimmi kun nah in ilaallatu jechuun mormuu isaanii gabaasa kaleessa nu ga’ee irraa hubatamee jira.

Kaleessa waaree booda mana murtii sadarkaa duraa Lidetaatti poolisiin itti aanaa dura ta’aa Kongresii Federaalawaa Oromoo irratti ragaan walitti qabadhe jedheef hojii na hafe jedhe dhaddachichatti dhiyeesse.

Akkuma kanaan poolisiin guyyoota 14n darban hojiin hojjedhe jedhe ennaa tarreessu, shakkamaan walitti bu’iinsa uumuuf kan fayyadu shugguxii torba argachuu isaaf raga kanaa fuula 21 hiikee kan dhiyeesse ta’uu, meeshaalee elektrooniksii qoratee fudhachuu isaa jecha shakkamtoota kudhanii fi kan ragaalee 22irraa fudhachuu isaa ibsee jira. Gama biraan waajjira galii Finfinnee kutaa magalaa Boolee, geejjiba magaalaa Finfinnee irraa Waxabajjii 23 jeeqama uumameen qabeenyaa miliyoona 166 tti tilmaamamu manca’uu isaa poolisiin ibseera.

Magaalaa Buraayyuu keessaa namoonni 4 du’uu, afur akka hamaatti madaa’uu, qabeenyaan miliyoona torbatti hedamu barbadaa’uu isaaf galmee walitti qabuu isaa ibsee jira. Giddu gala aadaa Oromootti waardiyyaalee isaanii irraa dhukaasa banameen poolisiin tokko du’uu fi kanneen biroon madaa’uu isaanii yaadachiisuu dhaan kanaafis galmee ragaan qaba jedhe poolisiin. Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa shanii fi waaltaalee lama irraa ragaa argameen qabeenyaan qarshii miliyoona 200tti hedamu barbadaa’uu isaas dubbate.

Shakkamaan kun jedhe poolisiin sabaa fi sablammoota Oromiyaa keessa jiraatan gidduutti hookkara kaasuuf yaaluu isaanii ragaan qaba jedhe tuqee ka biroo naa hafe kan jedheef yeroo guyyoota 14 gaaatee jira. Obbo Baqqalaanis gama isaaniin iyyata isaanii mana murtiif dhiyeessaniiru. Poolisiin ennaa dubbatu shakkamtoota jedha, isaan garuu qofaa kan dhiyaatan ta’uu manni murtiii naaf haa hubatu jedhan. Meeshaa waraanaa 7 jedhus, isaan garuu meeshaa waraanaas ta’e waardiyyaa ofii kan hin qabaanne ta’uu dubbataniiru. Dhuma irrattis poolisiin qorannaa geggeessu kan isaan hin ilaallannee fi mootummaan kan isaan hidheef filannootti akka hin hirmaannee gochuuf jedhan. Pooliisiin kan gaafate guyyoota qorannaa mormuu dhaan manni murtii dhimmi isaa loogii malee ilaaluu dhaan murtii akka kennu gaafagtaniiru.

Abukaatoleen isaaniis himannaan kun kan isaan hin ilaallanneef dimshaashaan waan dhiyaateef yeroon qorannaa itti dabalaa gaafatamuu hin qabu jedhan. Itti dabaluu dhaanis maammila isaanii arguu kan hin dandeenye ta’uu tuqanii kun akka sirraa’u gaafataniiru. Abukaatoleen maaliif maamiltoota isaanii waliin akka wal hin argine itti gaafatamaa bulchiinsa mana hidhaa dhiyaatee deebii akka kennu manni murtii gaafatee yeroo qorannaa itti dabalaa guyyoota saddeet eeyamuu dhaan Adoolessa 28 bara 2012tti beellama ka biroo kenneera jechuun Meleskachoo Amahaa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG