Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bombii Mummicha Ministeeraa Abiyyitti Darbatame Faccisee ofii wareegame: Maatii


Dargaggoo Buusaa Gaaddisaa

Sambata darbee jechuun Waxabajjii 23 bara 2018 hiriira guddaa deggersa mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmadiif jecha gaggeefame irratti haleellaa bombii dhaqqabeen namnii lama ajjeefamuu gabaasaalee hubachisanii jiru.

Isaanis bulchiinsa naannoo ummattoota kibba Itiyoophiyaa Walaayitaa Soddoo irraa dargaggoo Yoseef Ayyaaleew figodina wallaggaa lixaa aanaa Yubdoo ganda biqiltuu ayiraa irraa dargaggoo Buusaa Gaaddisaa ta’uun ibsamee jira.

Sirnii awwaalcha dargaggoo Buusaa Gaaddisaa Wiixata darbe kan gaggeeffame ta’u kan ibsan maatiin nama rakkiina guddaa keessatti guddatee hojii barbaacha gara Finfinnee deemee hojjataa akka ture dubbatu.

Sirna awwaalcha Buusaa irratti “goota bombii mummicha ministeeraatti darbatame ittisee ofii wareegame” jechuun faarsamuun isaa maatiin dubbatanii jiru.

Bombii Mummicha Ministeeraa Abiyyitti Darbatame Faccisee ofii wareegame: Maatii
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:54 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG