Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boobii Waayin Deegartoonni Isaanii Hiriira Akka Bahan Waamicha Dhiheessan


Hoogganaan paartii mormituu, Boobii Waayin
Hoogganaan paartii mormituu, Boobii Waayin

Hoogganaan paartii mormituu guddichaa, Boobii Waayin, deggertoonni isaanii ba’ii filannoo baatii Amajji keessa geggeessamee fi mootummaa cunqursaa Yoweerii Museviin hoogganamu akka mormanii akka hiriira bahan waamicha dhiheessan.

Namni muuziqaa gara hoogganummaa siyaasaatti jijjiiramanii fi maqaa Boobii Waayiniin beekaman, Roobert Kiyaagulaanyii, kaleessa ennaa waajira guddaa paartii isaanii ‘National Unity Platform’ jedhamutti argamuun akka uummatni Yugaandaa hiriira mormii bahu waamicha godhan, Helikooptarri poolisii waajiricha irra marsaa turte. Konkolaatonni Poolisii, kan poolisii waraanaan deggeramanii waajirichaa ala guutanii turan, jedhama.

Gochaa sarbinsa mirga namoomaa fi waliin dha’insa filannoo, filannoo Amajjii 14 geggeessamee dura, yeroo filannichaa fi filannoo dhaa booda raaw’atame ibsuudhaan kan haasawa isaanii jalqaban, Boobii Waayin, kunis, “miseensonni Paartii NUP hidhamuu, dararaa fi gochaa gara-jabeenyaa lammiwwan Yugaandaa irratti geggeessamee fi manni-murtii iyyannoolee dhibba lama kanneen hanna filannoo prezidaant Yoweerii Museviinii raaw’taniif ragaalee ciccimoo of kessaa qaban fudhachuu diduu isaa of keessatti hammata,” jedhan.

Xiinxalaan siyaasaaa, Godber Tumusheebee, “Boobii Waayin hiriira waamuun karaa sirrii dha. Akka ilaalcha isaatti, deggertoonni Museviinii gochaalee yakkaa mootummaan raaw’ataa jiru akka waan sirrii taheetti waan dubbataa jiraniif,” jedhan.

Torban dabre keessa, Prezidaant Museviiniin, shakkamtoota yakkaa hidhaman 177 keessaa kanneen 50 tahan hiikuuf akka itti yaadan dubbatanii turan. Paartiin Boobii Waayin, NUPn garuu, miseensonni isaanii 423 achi buuteen isaanii dhabamee jira. Kanneen keessaa 89 qofti akka qabamanii harka isaa jiran amane, mootummaan, jedha.

XS
SM
MD
LG