Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Naga-eegumsaa Maayinamaar Bakka Namoonni Mormii Geegeessaa Turan Jiraatan Weeraran


Namoota humnoota naga-eegumsaa jalaa dheeffan
Namoota humnoota naga-eegumsaa jalaa dheeffan

Humnoonni Naga-eegumsaa Maayinamaar, ganda Yaangoon bakka itti hojjetoonni daandii baaburaa yeroo mootummaan waraanaa biyyattii eega taayitaa qabatee guyyoota 36 guute kanatti hojii dhaabuun mormaa jiran weeraran.

Hojjetoonni daandii Baaburaa biyyattii uummata siivilii biyyattii ka biroo wajjiin ta’uudhaan, mootummaa humna waraanaa gaafata Guraandhala tokkoo mootummaa Siivilii biyyattii fonqolchuu fi hooggantuu siyaasaa fi aangawoota kanneen biroon hidhuun taayitaa qabate kana mormuudhaaf, duula diddaa uummataa geggeessaa jiran.

XS
SM
MD
LG