Xurree ittiin seenan

Breaking News

Briteenitti Ambaasaadderri Maaynamaar Embasii Akka Hin Seenne Dhorkaman 


Briteenitti Ambaasaadderri Maaynamaar Kyaw Zwar Minn  
Briteenitti Ambaasaadderri Maaynamaar Kyaw Zwar Minn  

Briteenitti ambaasaadderri Maaynamaar kan aangoo irraa kaafaman Aan Saan Suu Shii deggeran jedhamuu dhaan waajjirri isaanii Londoniin jiru itti cufamee jira.

Kyaw Zwar Minn tuuta oduuf ibsa kennaniin roobii kaleessaa ajaja bulchiisa waraanaa Maynamaariin embasii akka hin seenne dhorkame jedhan.

Bakka isaanii ibsa har’a biilsa sana fuulleetti dubbifameen, Kyaw Zwar Minn akka jedhanitti hojjettoonni embaichaa yoo diplomaatota mootummaaf amanamoo ta’an waliin hojjechuu didan, adaba cimaan akka irra ga’u itti himame.

Ministriin haajaa alaa Briteen Dominic Raab, ergaa tweeter irratti har’a maxxansaniin gocha doorsisa bulchiisa waraana Maaynamaar balaaleffatanii jajjabina Kyaw Zwar Minn argagsiisan tuqanii jiran.

Kun kan dhaga’ame humnootiin naga eegumsa Maaynamar magaalaa Kalaay Kaaba gama dhiyaa keessati hiriirtota mormii irrati dhukaasuun yoo xiqqaatee sivilota 11 ajjeesanii 10 madeessanii guyyaa tokko booda ta’uu VOA sagantaan afaan Burmaa gabaasee jira.

Qindeessitoota hiriira sanaa keessaa tokko VOAf akka ibsetti dallaa hiriirtota kanaan tolfame akka kaasan loltoonni itti gaafatamni itti kenname utuu adda hin basin namoota irratti dhukaasuu jalqaban jedhe. Hiriirtonni sun mootummaan sivilii kan Aan Saan Suu Shii aangotti akka deebi’u gaafatan.

Hiriirtonni lakkoobsi isaanii hin beekamin kaan isaanii meeshaa waraanaa mana keessatti hojjetame qabatanii turan, humnoota mootummaaf ajajamuu dhabdan jedhuun to’annaa jala ooluu qindeessitoonni ibsaniiru.

Viidiyoon ganamaan maxxanfame sagalee dhukaasaa fi boombii harkaa akkasumas rookkeettii dhageessisee jira.

Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa Ebla 1 akka ibsetti Aan Saan Suu Shii dabalatee hidhamtoonni Maaynamaar keessaa hatattamaan akka gad dhiisaman, hookkarris akka dhaabatu irra deebi’uun gaafatee jira.

Mirgi namaa akka kabajamu akkasumas marii fi araarri dantaa uummata Maaynamaar eegsisu geggeessuun barbaachisaa ta’uu illee ibsee jira.

XS
SM
MD
LG