Xurree ittiin seenan

Breaking News

COVID-19 Manneen Hidhaa Itiyoopiyaa Keessa Tamsa’uutu Himame 


COVID-19 Manneen Hidhaa Itiyoopiyaa Keessa Tamsa’aa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:19 0:00

Itiyoopiyaan baatii Adoolessaa keessa hiiirtota mormii kumaan laka’aman, miseensota paartilee mormituu fi gaazixeessota hidhaatti naqxe. Hojjettoonni eegumsa fayyaa fi angawoonni naannoo akka jedhaitti kanneen hidhaman keessaa hangi tokko vaayiresii koronaan qabamaniiru, vaayiresiin kunis mana hidhaa humnaa ol namni keessatti heddummaatee fi waaltaalee yeroof namoonni keessatti hidhamanii jiran keessa tamsa’a yaaddoo jedhu qabaachuu isaanii dubbatu .

Itiyopiyaa keessatti erga COVID-19 argamee qabee hanga ji’a afuriitti waaltaa wal’aansa vaayiresii koronaa magaalaa Ziwaay keessaa waan hojjetan hedduu hin turre jedhu hoogganaan nersoota gamasii Dambal Kaasim. Kan mirga lammiiwwan Oromoof qabsaa’aa ture weellisaa beekamaan aartist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuu isaan hookkara ka’een booda garuu haalli jiru jijjiiramee hedduu ko’oommanne. Kanaan kan ka’e kumaan kan laka’aman ni hidhaman, yoo xiqqaate namoonni 178 du’an jedhan.

Dambal fi hojjettooni eegumsa fayyaa fi angawoonni naannoo akka jedhanitti hidhamtoonni kun hangi tokko vaayiresii koronaan qabamaniiru. Yeroo ammaa vaayiresiin kun daran tamsa’innaa yaaddoo jedhuun hidhamtoonni kun akka qorataman taasisamaa jira jechuu dhaan obbo Dambal VOAtti himaniiru.

COVID-19 argamee baatii sadii keessatti nama lama qofaatu vaayiresii koronaan qabame. Torbanneen darbanii qabee garuu namootnni 23 qabamuu isaanii galmeessine. Erga jeequmsi kun ka’ee as namoota 150tu kutaa tokko keessatti hidhamu. Kanaafi kan namoonni mana hidhaa keessatti vaayiresii koronaan qabamaniif jedhan Dambal.

Gareeleen mirga namaa akka jedhanitti angawoonni Itiyoopiyaa Waxabajjii 28 erga Haacaaluun ajjeefamee booda miseensoota gareelee mormituu fi gaazixeessotaa hedduu himannaan utuu irratti hin dhiyaatin yeroo dheeraaf hidhanii jiru. Manneen hidhaa, waaltaaleen hidhaa kan yeroofii fi manneen barnootaa akkasumas kuusaa meeshaalee keessatti namoonni humnaa ol heddumminaan hidhamanii jiru jedhu gareeleen mirga namaa kun.

Mootummaan Itiyoopiyaa hookkara du’a artist Hacaaluu booda dhaqqabe kan qindeesse adda bilisummaa uummata Tigraay jedhee himatus qabsaa’onni farra mootummaa fi miseensonni gareelee mormituu Oromoo garuu hookkarri sun mormitoota ukkaamsuuf karoorfamee kan hojjetamee dha jedhu

XS
SM
MD
LG