Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Dhiyeenya Kanaa Irratti Miidhaa Dhaqqabe Jiraattonni fi Angawoonni Maal Jedhu? 


Godinaalee Oromiyaa tibbana miidhaan itti dhaqabe keessaa
Godinaalee Oromiyaa tibbana miidhaan itti dhaqabe keessaa

Wiixata Hagayya 17 bara 2020 kaasee mormii fi daandilee cufuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee humnootiin mootummaa tarkaanfii jabaa uummata irratti fudhatan jedhu jiraattonni.

Magaaloota Hasaasaa, Gindhiir,Ciroo,Hirnaa fi aanaa Haramaayaa irraa jiraattonni akka ibsanti humnooiin mootummaa ajjechaa, reebichaa fi hidhaa gaggeessaa jira jedhu.

Magaala Haasaasaa keessatti hogganaan amantii Islaamaa haadha warraa wajjiin moora mana ofii keessatti ajjeefamuu akkasumas ciroo keessatti dubartiin umrii dheeraa qaban mana ofii keeessatti ajjeefamuu akka fakkeenyaatti kaasu jiraattonni.

Mootummaa bulchiinsa naannoo oromiyaa keessatti itti gaafatamaa waajiira bulchiinsaa fi nageenyaa Obbo Jibril Mohammad gama isaaniin haallii diriqisiisaa fi humnaa ol ta'an kan tarkaanfin irratti fudhatame kan jiran ta'uus, hanqinni jiruus qoratamee adda bahaa jedhan.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame Caqasaa

Mormii Dhiyeenya Kanaa Irratti Miidhaa Dhaqqabe Jiraattonni fi Angawoonni Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:35 0:00


XS
SM
MD
LG