Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afriikaa Hoogganoonni Waraana Maalii Prezidaantii Akka Gad Dhiisan Gaafatan 


Faayilii - Prezidaantii Maalii, Ibraahim Bowbaakaar
Faayilii - Prezidaantii Maalii, Ibraahim Bowbaakaar

Dura taa’aan gamtaa Afriikaa prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa jijjiirraa mootummaa Maalii faallaa heeraa ti jechuun balaaleffatan.

Ibsa kaleessa kennaniin Ramaafoosaan loltoota diddaan ka’an kan biyyattii Afriikaa dhiyaa prezidaantii Maalii Ibraahim Bowbaakaar Keyiitaa, muummicha ministeeraa Bowubowuu Kisse fi angawoota mootummaa gameeyyii kanneen biroo akka gad dhiisan gaafataniiru.

Kan mooraa waraanaa magaalaa galma mootummaa Bamaakoo cinatti hidhamanii jiran Keeyiittaan haasaa aangoo itti gad dhiisaniin gumii biyyoolessaa fi mootummaa Boubowuu Kiissee diigamuu isaanii labsan.

Loltoonni kanneen ofii isaanii koree biyyoolessaa uummata biyyattii oolchan jechuun of waaman hanga robii kaleessatti Keeyitaa to’annaa isaanii jala oolchanii jiru.

Hanga yoonaa gareen sun filannoon akka geggeessamuuf kan hojjetan ta’uu beeksisan. Namoonni hangi tokko daandii Bamaakoo irratti ba’uu dhaan Keyiittaan aangoo irraa kaafamuutti gammaduu isaanii ibsaa jiran. Gama biraan Ramaafoosaan hawaasi addunyaa Lammiiwwan Maalii jireenya sivilii fi qajeelfama dimokraasitti akka deebi’an akka gargaaru gaafatanii jiru.

XS
SM
MD
LG