Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa Isee Wayyooftuu Duraan Beeknutti Deeb’uuf Haa Qabsoofnu: Kamala Hariis


Kaadhimamtuun itti aantuu prezidaantii ka paartii dimokraatotaa Seneterri kutaa Kaalifoorniyaa Kamaalaa Hariis Ameerikaa isee gaarii nuti beeknu deebisuun ni danda’ama jennee qabsaa’uu qabna jechuu dhaan haasaa seena qabeessa kan kaadhimummaa paartii isaanii ennaa simatan dubbataniiru.

Kan umuriin waggaa 55 Harris haadha alangaa duraanii fi dubartii paartii biyyoolessaa keessaa aangoo ol aanaaf dorgoman isaan arfaffaa yoo ta’an, akka dubartii gurraattii fi lammii Ameerikaa hidda dhalata Asiatti garuu isaan jalqabaa ti. Haati isaanii hayyuu saayinsii kan dhibee Kaanserii abbaan isaanii immoo hayyuu dinagdee yoo ta’an Jamaayikaa irraa gara Yunaayitid Isteetis dhufan.

Gumii biyyoolessaa kan dimokraatotaa halkan sadaffaa roobii kaleessaaf ennaa haasaa dhageesisan Harris, prezidaant doonaald Tramp akkaataa isaan tamsa’ina vaayiresii koronaa fi dinagdee biyyattii itti qaban akkaan qeequu dhaan kufaatiin hooggansaa lubbuu namaa fi qabeenyaa galaafate jedhan.
Galgalauma sana jalqaba prezidaantiin duraanii Baaraak Obaamaan kan isaaniin bakka bu’an Trampiin jecha cimaan dha’uu dhaan Tramp aangoo prezidaantummaa akka agarsiisa TV ka birootti fudhatan,dimokraasiis hooggansa isaanii muuxannoo hin qabaanneef abbaa irrummaa fakkaatuun balaa irra buusan ittiin jedhan.

Kamala Haris kaadhimummaa itti aanaanaa prezidaantii paartii dimokraatotaa ennaa simatanitti haala wal xaxaa biyyattii ilaalchisanii sirriitti akka deebi’u hojjetamuu qaba jedhanii fakkeenyaaf loogii sanyiitti duuluu fi akka seera biyyattiitti waadaan qixxummaa haqaaf jiru dhugaaf jiru dhugoomuu qaba jedhan.

Daandiin fuula keenya duraa salphaa hin ta’u kan jedhan Harris garuu kan ani waadaa isiniif seenu rakkoo jiru ciminaan akkasumas dhugumatti dura dhaabbanna jedhan.

XS
SM
MD
LG