Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaan Masriif Gaazaa Gidduu Jiru Cufame


(suuraa faayilii)

Hooggana hidhattoota Hamaas waliin muddama jiru ilaalchisuun Masriin Wixata har’aa daangaa ishee dugdee Gaazaa waliin jiru cufuu ishee angawoonni dubbatanii jiran. Erga jalqaba waggaa kanaa qabee karaan irra daddarban Raahaan guyyaa hojii ennaa cufamu kun isa jalqabaa ti.

Baatii Caamsaa keessa Israa’elii fi Hamaas gidduutti guyyootii 11f lola geggeessameen angawoonni Masrii naannoo sana banaa taasisanii turan. Angawoonni Masrii akka jedhanitti cufamuun kun Israa’elii fi Hamaas gidduutti yeroo dheeraaf lola dhaabinsi akka tolfamuuf tattaaffii Kaayiroon goote waliin wal qabata. Daangaan kun cufamuun hanga yoomiitti akka ta’e hin beekamu jedhu angawoonni.

Angawaan tokko akka jedhanitti Israa’el waliin marii kallattiin hin ta’in geggeessamee fi akkasumas gareelee Faalisxiin waliin araara buusuuf yaalii ta’uun, Kaayiroo fi gareelee hidhatan gidduu garaagarummaa uumameen kan ka’e Hamaas irra dhiibbaa kaa’uuf yaadamee ti.

Angawoonni gaazixeessota waliin dubbachuuf eeyama waan hin qabaatiniif, maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafachuu dhaan dubbataniiru. Daangaan kun cufamuun kan dhaga’ame erga sabaa himaan Masrii kan mootummaa daandiin irra darban torban tokkoof Jimaataa fi Sanbata erga cufamee booda banameera jechuun gabaasee booda.

XS
SM
MD
LG