Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Tigraay Ilaalchisuun Hooggantuun USID Ergaa Twitter Irratti Maxxansan


Faayilii - Hooggantuun dhaaba misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis. Samaantaa Paawer

Hooggantuun dhaaba misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis Samaantaa Paawer, TPLF haala jiru akka tasgabbeessu, naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa ba’ee rakkoo jiru mariin akka furuu gaafachuu itti fufti. Haleellaan TPLF, walitti bu’iinsa kanaa fi dararaa uummata Itiyoopiyaa yeroo isaa dheeressa jechuun ergaa twitter maxxansaniin beeksisaniiru.

Ergaa tweeter lammata erganiinis, sababaa haleellaa TPLF raawwateen bakka uummanni kuma hedduutti laka’aman qe’ee ofii dhiisanii godaanan naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa uummata kuma 136,000f gargaarsi midhaan nyaataa kennamuun jalqabameera jedhan.

XS
SM
MD
LG