Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dho’iinsi Boombii Ugaandaa Keessatti Raawwate Lubbuu Galaafate


Konkolaataa poolisii Ugaandaa, Onkoloolessa 24, 2021
Konkolaataa poolisii Ugaandaa, Onkoloolessa 24, 2021

Ugaandaa keessatti guyyoota sadii keessatti boombiin yeroo lama dho’ee jira. Poolisiin akka jedhetti namoonni lama dho’iinsi wixata kaleessaa atoobisii tokko kan konyaa walakkeessa biyyattii Mopigi keessaa irratti raawwate.

Boombii ka biroon immoo sambata darbe dho’uu dhaan dubartii umuriin waggaa 20 yoo galaafatu kanneen biroo sadii Kampala keessatti madeesee jira. Haleellaalee sanaaf garii IS tu itti gaafatama fudhate.

Gulaalaan gaazixaa PML DAILY jedhuu Alex Atuhaire odu gabaasaa VOA James Buttyf akka himetti, poolisiin qorattoota dhimma boomii naannoo balaan sun dhaqqabetti ergee jira. Prezidaanti Museveeniin guyyoota xiqqoo itti aanan keessa haasaa guutuu biyyaa dhageessisuuf jiru.

XS
SM
MD
LG