Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diplomaatichi Itiyoopiyaa Waraansa Tigraay Keessaa Ilaalchisuun Mariin Araaraa Akka Geggeessamu Gaafatan 


Birhaanee Kidaanemaariyaam
Birhaanee Kidaanemaariyaam

Tigraay keessatti kan raawwataman gocha gara jabinaa irraan kan ka’e Ameerikaa keessaa hojii isaanii kan gad dhiisani diplomatiin Itiyoopiyaa mootummaa fi kanneen barbaadamaa jiran hoogganoota naannoo sanaa ka duraanii gidduutti mariin araaraa akka geggeessamu gaafataniiru.

Birhaanee Kidaanemaariyaam Washington DCtti kan argamu embasii Itiyoopiyaatti itti aanaa itti gaafatamaa ergama biyyattii kan ta’an hanga baatii bitootessaa jalqaba irratti tajaajilaa turan.

Kamisa ganama Associated press waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin waraansi yeroo dheeraaf Tigraay keessatti geggeessamu uummata naannoo sanaa miliyoona 6 ta’u dhabamsiisaa jira jechuun akeekkachiisan.

Marii araaraaf dursa kennuutu nu irra jira jechuu dhaan walii galtee araaraa male, nagaan bu’uu hin danda’u jechuu dhaan furmaati tokkichi kana jedhan.

Erga waraanssi baatii Sadaasaa eegalee qabee ummanni 60,00 hamma 70,000 ta’u du’eera jedhamee amanama jechuu dhaan odeeffannoo madden Itiyoopiyaa keessaa walitti qabame jedhan tuqanii jiran. Kanneen miidhaan irra ga’e irra hedduun siifilota keessumaa dargaggoota jedhaniiru. Angawoonni Itiyoopiyaa waraansa Tigraay keessaan namni meeqa akka du’e hin ibsin jiru.

Kidaanemaariyaam akka jehanitti loltoonni Tigraay of irraa ittisuuf fooya’ina argamsiisaa jiru jedhanii baankilee qabee hanga waldoolii fi msjiidotaatti waan saamame mara ibsuu dhaan ilmi namaa itti gargaarama kan jedhame martinuu manca’eera jechuu dhaan waan ibsuuf suukanneessaa ta’etu raawwatame jedhan.

Kidanemaariyaam naannoo Tigraay irraa yoo ta’an, garuu haala uumame waraaa fixiiinsa sanyii jedhee murteessuuf bakki ani irraa dhufe dhiibbaa na irra hin keenye. Kana murteessuuf Tigree ta’uun na irra hin jiru jechuu dhaan haala suukaneessaa fi waraansa balaafamaa akkasii ilaaluuf obsa hin qabu jedhan.

Mootummaan Itiyooopiyaa beekaa siivilota irratti hin fuullffatamne jechuun cimsee haalee jira.

XS
SM
MD
LG