Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donaald Traamp fi Joo Baaydin Jechaan Wal Dhaa Jiran


Kamiisa kaleessaa galgala lachuu haasawaa dhageesisaniin inni tokko isa kaaniin atii waajiira prezidaantummaaf ga'aa miti waliin jedhan.

Umriin isaanii 74 kan ta'e prezidaant Traamp kutaa Wiskansan keessatti haasawaa dhageesisaniin mormituu isaanii kan umriin 78 sanaan nama qeeqaaf dhalatee fi dadhabaa dha ittiin jedhan.kana malees sammuu isaa keessaa waa hir'ate qaba, lubbuun jiraachuu isaa iyyu hin beeku jedhan Traamp.

Baaydin immoo Kutaa Peenselveniyaa irra akka dubbatanti ,Traamp nama waan inni dubbatu hiika hin qabnee fi waan namnii jedhuus hin dhaggeeffanne jedha.

Kunis gama weerara vaayrasii koronaa ittisuun kan mul'ate fi uummanni gorsa gama saayinsiin hayyonni fayyaa kan mootummaa irraa kennamu akka hin hordoofne waan gidheef aangoo gadhisuu qaba jedhan.Baaydin.

XS
SM
MD
LG