Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochii Daldalaa Fi Maallaqaa Kan Seeraan Alaa To'achuun Barbaachisaa Ta'uun Ibsamee Jira


Itiyoophiyaa gama bahaa fi naannoolee ollaa ta'an akkasumas qaamoonni nageenyaa sochii daldalaa fi maallaqaa kan seeraan alaa biyya keessaas ta;e kan biyya alaa to'achuuf qindominaan kan hojjatamu ta'uun ibsamee jia. Maallaqnii seeraan alaa toora seeraatti akka deebi'an ykn gabaa irraa akka dhabaman ta'uun barbaachisaa ta'uun ibsamee jira.

Bulchiinsa naannoo Somaalee fi Hararii akkasumas Oromiyaa gama bahaa fi bulchiinsa Dirree Dawaa irraa hogganni dhufan qaamoota Baankii Biyyooleessaa, ajaja raayyaa ittisaa kan gama bahaa fi kan polisii Federaalaa waliin marii gaggeessan irratti kun ibsame.

Oromiyaa gama bahaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti humnootiin nageenyaa seeraan ala maallaqa qonnaan bulaa fi horsisee bulaa fudhataa jiru jechuun iyyata dhiyaate ajajii gama dhiyaa fudhatama dhabsisee jira jechuun Addis Chekol gabaasee jira

XS
SM
MD
LG