Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaa Nu Irratti Hin Dhiyeessine Ykn Bilisa Jedhanii Nu Baafne: Iyyata Hidhamtootaa


Faayiilii - Mana hidhaa masaraa Kumsaa Morodaa keessaa, Naqamtee
Faayiilii - Mana hidhaa masaraa Kumsaa Morodaa keessaa, Naqamtee

Magaalaalee oromiyaa adda addaa irraa qabamne kanneen jedhan himatamtoonni 25 waajira muummicha-ministaraa fi Jaarmayaalee mirga namoomaaf xalayaa iyyannaa mallatteessanii ergatan.

Otuu himannaan nu irratti hin dhihaatiin baatiileef mana hidhaatti rakkataa jirra, jedhan.

Akka abukaatoon garii isaanii jedhanitti akka seeraa biyyattiitti maammiloonni isaanii otuu himannaan irratti hin dhihaatiin baatiileef mana hidhaa kaa’amuun irra hin turre.

Koomishiniin poolisii Oromiyaa immoo dhimma isaanii qorannee xumuree waajira Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti dabarseen jira jedha. Waajirri Abbaa-Alangaas deebii kenneen dhimmi keessa deebi'ee qulqull'uu qabu waan jiruuf hanga tokko polisitti deebisnee kaan immoo torbanneen dhufan keessa mana murtii duratti dhiyaatu jiru jedha.

Kan mana murtii duratti dhiyaatanii walaba ba'anis akka jiran ibsamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa.

Himannaa Nu Irratti Hin Dhiyeessine Ykn Bilisa Jedhanii Nu Baafne: Iyyata Hidhamtootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:00 0:00


XS
SM
MD
LG