Xurree ittiin seenan

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Miseensonni NATO Maallaqa Itti Ramadamee Baasuuudhaan Akka Dirqama Isaanii Bahan Hubachiisan

  • VOA

Hoggantoota addunya walgahii NETO irratti hirmaatan keessaa

“NATO-n gara fuul-duraatti tarkaanfiin fudhatu, duula farra-shororkeessummaa, dhimma godaantotaa, doorsisa Raashiyaa irraa dhufuu fi  biyyoota gama Bahaa fi Kibbaatiin NATO daangessanitti fuuleffachuu of keessaa qabaachuu qaba – jedhan – Traamp.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Doonaald Traamp, har’a haasawa walga’ii hoogganoota NATO irratti haasawa dhageessisaniin, gamtichi, gama damee ittisaatii ka maallaqni itti hanqatu ta’uu ibsanii jiran. NATO-n irra-jireessa shororkeessummaa waraanuutti akka fuuleffatus hubachiisanii jiran.

“NATO-n gara fuul-duraatti tarkaanfiin fudhatu, duula farra-shororkeessummaa, dhimma godaantotaa, doorsisa Raashiyaa irraa dhufuu fi biyyoota gama Bahaa fi Kibbaatiin NATO daangessanitti fuuleffachuu of keessaa qabaachuu qaba – jedhan – Traamp.

Miseensonni NATO, maallaqa itti ramadamee baasuuudhaan akka dirqama isaanii bahan illee hubachiisan.

Biyyoota miseensota NATO 28 keessaa 23 dirqama isaanii ba’uu hanqachuun, uummata Yunaayitid Isteetsiif, gochaa haqaa miti – jedhan.

Haleellaan Boombii of-wareeginsaa torba kana Maanchester keessatti geggeessame, gad-fageenya gochaa hammeenyaa shororkeessummaa fuul-keenya dura jiru agarsiisa – jechuun illee dubbatan.

XS
SM
MD
LG