Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr Abiyyi Ahimad Dura Ta’aa ADWUI Ta’uun Filaman


(Suuraa Faayilii)
(Suuraa Faayilii)

Addi Warraaqsa Dimookiraasummaa Uummatoota Itiyoophiyaa yaa’ii isaa 11ffaa magaala Hawaasaatti ta’aa jiru irratti filannoo geggeessen muumee ministraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad dura ta’aa, Obboo Dammaqaa Mokonnon immoo itti aanaa dura ta’aa gochuun filateera.

Dr Abiyyi sagalee kenname 177 keessa 176, Obboo Damaqaan sagalee kenname 177 keessa 49 argachuun filaman.

XS
SM
MD
LG